Blue Joomla Templates

Daawwatoota

mod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_counter
mod_vvisit_counterToday613
mod_vvisit_counterYesterday65
mod_vvisit_counterThis week693
mod_vvisit_counterLast week175
mod_vvisit_counterThis month678
mod_vvisit_counterLast month773
mod_vvisit_counterAll days15365

We have: 112 guests online
Your IP: 3.147.57.161
Mozilla 5.0, 
Today: Jul 02, 2024

Yeroo Adduunyaa

Fayyadamtoota

We have 112 guests online

Archieved Content

PDF Print E-mail

Wajjira adaa fi turizimii Aanaa Arxummaa Fursii

Ragaa waliigalaa Arxummaa Fursii

Aanaan arxummaa fursii mootummaa biyyoolessa naannoo amaaraa godina oromootti aanota argaman keessaa ishee tokko dha. Aanaan kun magaalaa guddoo biyyatti finfinnee irraa kallattii kaabaatti k.m 300, magaalaa naaannoo amaaraa bahar daar irraa k.m 580 kallattii dhiha biyyattiitti, magaalaa godinichaa kamisee irraa k.m 25 kallattii kibbaa irratti fagaattee argamti. Aanaan arxummaa fursee kallattii bahaan naannoo affaar aanaa wadaraageen, kallattii lixaan aanaa godina shawaa kaabaa aanaa antsokkiyaa gamzaan, kallattii kaabaan aanaa dawaa caffaan akkasumas kallattii kibbaan aanaa jillee dhummuugaan daangeffamtee argamti. Aanaan arxummaa fursii gandoota baadiyyaa 24 fi ganda magaalaa 3’n walumaagalatti gandoota 25 n hundeeffamte. Baay’inni ummata aanichaa yammuu ilaallu kanneen baaddiyya jiraatan dhiira 48617 dhalaa 50134 ida’ama 98751 yoo ta’an, kan magaalaa keessa jiraatan immoo dhiira 5587 dha 5343 ida’ama 10930 walumaagalatti baay’inni ummata dhiira 54204 dhalaa 55477 ida’ama 109681 ta’an aanicha keessa jiraata.

Haalli qilleensa aanichaa dhibbeentaan yeroo ilaalamu 76% gammoojjii ,badda dareen 24% ta’a, hangi ho’insaa gadi aanaan 150c yoo ta’u 350c immoo olaanaa dha. Haalli onka’iinsa teessuma lafaa sirrii galaanaa irraa gadi aanaan meetira 1200 yoo ta’u oli aanaa meetira 2000 ta’a. Haalli argama rooba aanichaa bara keessatti giddu galaan milii liitira 600 – 900 argatti. Akkasumas haalli teessuma lafa aanichaa immoo lafa diriiraan 38%, lafti caffaa’an 4.4%, lafti bu’aa bayii 22.5%, lafti sululaa 28.5%, lafti balee 6.6% ta’a. Gosti biyyoo ishee buleen 15%, diimaan 7%, Shaklaan 76% fi gosti abii 2% dha.

Gama biraatiin immoo ummatni aanichaa aadaa fi seenaa mataa isaa danda’e kan qabu dha. Akkasumas ummanni baay’een kan keessa jiraatu fi yeroo duraa ummatni oromoo qofaan akka keessa jiraata ture dha. Haa ta’u malee bara 50 as uummatni amaaraa gara aanichaa kanatti akka makaman ta’uu isanii seenaan ni dubbata. Aanicha keessa gosoota oromoo naaholee ,ammaaroo, jaarsoo, dubbannaa, galaan, hariiroo, abaadoo, jaalle, maarutayyaa, galashaa fi k.k.f ni jraatu.

Akka walii galatti aanicha keessa saboonni lama baay’inan keessa kan jiraatan Oromoo fi Amaaraa dha . akka qorannoon ykn maddi raga tokko tokko waajjira qonnaa/ ibsutti / aanicha keessa sabni uummata Oromoo dhibbeentaa 98% yoo ta’u, sabni uummata amaaraa immoo dhibbeentaa 2% akka jiraatan ragaan taa’eera. Uummanni kun yeroo dheeraadhaaf kabajaan, jaalalaa fi nageenyaan kan waliin jiraataa turanii fi har’as kanuma daran jajjabeessuun kan waliin jiraataa jiran ta’uu ragaaleen ni ibsu.

Seenaa hundeeffama Aanaa Arxumma fursee

Aanaan arxummaa fursii sirna durii biyya keenya tureen gocha abbaa lafummaa fi ciisanyaa bakka diriiretti sirna bittaa atsewwanii yeroo turetti bulchiinsa waliigalaa walloo jala ture. Magaalaan guddoon Bulchiinsa waliigala walloo dasee turte. Jaarraa kana keessatti naannoowwan arxummaa fursii mootii tureen kan muudamanin bitamaa ykn bulaa turanii jiru.

Sirna atsee gara galeen(kufeen) biyyattii gara sirna soshaalistiitti ceesisuuf mootummaan dargii kufaa ka’aa gareewwan baay’ee irraa mormiin balaan isa mudachuun biyyattiin jeequmsa keessa yeroo turtetti aanaan arxummaa fursii fi naannoon isaa bulchiinsa aanaa kutaa walloo jalatti bulaa turee jira. Boodas kutaan ykn naannoo bulchiinsa walloo kibbaa fi kaabaa jedhamuun yoo caaseffamu uummanni aanaa keenyaa bulchiinsa naannoo walloo kibbaatti aanota adda addaa waliin walitti qabamee bulaa turanii jiran. Kanumaanuu sirna bulchiinsa dargii gurmaayinaan jijjiirama maqaatiin aanoonni bulchiinsa awuraajjaan yammuu moggaafaman aanaan uummanni keenya itti argamu maqaan kennameefii ture.

Sirni dargii dhaaba dimookiraasii warraaqsa uummata itoophiyaa(ADWUI)’n caamsaa 20/1983 erga bakka bu’ee booda ADWUI’n taayitaa isaa cimsaa dhufuun bifa haaraatiin gurmeessuun maqaa haaraa moggaasuun naannoo keenya yoo hundeffamu naannoo sadii jedhamee wamamaa turee jira. Boodas naannoo amaaraa jedhamee waamamuun sabaa fi sablammoonni afaanii fi aadaa adda addaa qaban godinoota bulchiinsaa jedhamanii moggaafamuun adda bahanii jiru. Haala kanaan kanaan dura baay’inaan bulchiinsa walloo kibbaa fi kaabaa bakka bu’ee bulchiinsawwan bakka afuritti qoodamuun bara 1986 godinoota saba waaghimraa, kaaba walloo, kibba walloo fi oromoo jedhamuun baay’inaan uummata naannoo afaan oromoo dubbatan hammachuun godinni saba oromoo aanota adda addaa qabachuun of danda’uun caaseffamuu danda’ee jira.

Godina saba oromoo keessatti aanota hundeeffaman keessaa tokko aanaa arxuammaa fursii yammuu taatu magaalli guddoon aanichaa cirrattii turte. Booda naannoo kanatti kan argaman uummanni afaan oromoo dubbatu gara aanaa arxummaa fursiitti yoo hammataman magaalli guddoon aanichaa bakka giddu galeessa irratti ta’uu akka qabu waan walii galameef magaalli guddoon aanaa cirrattii irraa gara caffaa roobititti jijjiiramee jira. Aanaan kunis osoo magaalaan caffaa roobititti jijjiiramuun dura aanaa jillee xummuugaa waliin walitti makamee bulaa waan tureef, maqaan aanaa kanaas arxummaa jillee ture. Haata’uu malee bal’inni lafaa fi baay’inni uummataa bulchuudhaaf mijaa’aa waan hin turreef, manni marii bulchiinsa godina oromoo bara 1994’tti aanota lama arxummaa fursii fi jillee xummuugaa ‘tti akka qoodaman yammuu murtaa’u aanaan arxummaa fursii magaalaa guddoon isaa caffaa roobit gochuun hundeeffamuu danda’ee jira.

Aanaa arxummaa fursii naannoo affaar, naannoo amaaraatti godina shawaa kaabaa jalatti aanota argaman waliin kan wal daangeffamu yammuu ta’u, uummanni 109681 keessa ni jiraata jedhamee ni eegama. Aanichi yeroo ammaa kana uummata aanichaa ganda magaalaa tokkoo fi gandoota baadiyyaa 24’n waliigala gandoota 25’n gurmeessee bulchaa jira.

 

Haala teessuma lafa magaalaa caffaa roobit

Magaalli caffaa roobit aanaa arxummaa fursiitti magaalaa guddoo naannoo irraa kallattii kibba bahaatti fageenya kilo meetira 580, magaalaa guddoo godina oromoo kamisee irraa kallattii kibbaatiin fageenya kilo meetira 25 irratti argamti. Magaalli caffaa roobit bulchiinsa ganda tokkoon caaseffamee kan bulaa jiru dha. Magaalaa guddoo aanaa waan taateef sadarkaa mana qopheessaa irratti argamti. Magaalaan caffaa roobit bara shaniin dura gaheen guddaan ishee magaalaa iddoo jireenyaa yammuu taatu, yeroo ammaa kana garuu sochiin daldalaa fi gara industiriitti ceehuuf tattaaffii fi carraaqqii guddaa godhaa jirti.


Seenaa hundeffamaa fi moggaasa maqaa magaalaa caffaa roobit

Magaalaan caffaa roobit aanaa arxummaa fursii jalatti yeroo ammaa kana magaalaa guddittii aanichaa ta’uun tajaajilaa kan jirtu durii magaalummaan hundeffamuun duratti naannawni ishee bittaa zawudaawii, gocha abbaa lafummaatiin bulaa turte. Sana boodas, bittaa abbaa seeraa(daanyaa) nugusaawiitiinis bulaa turte. Yeroo kanatti naannawni magaalattiin itti hundeeffamte bosona kan turee fi lafa ol ka’aa ykn gaara gubbaatti garuu qonnaan bultoonni tokko tokko darbee darbee jiraachuu isaaniitiin ala uummanni baay’een iddoo kana hin turre. Iddoo ammaa magaalaa caffaa roobit kanatti dursa kan qubatan biyyi itoophiyaa xaaliyaaniin erga weeraramtee bara 5 erga turtee booda, arbanyoota(gootota) itoophiyaatiin qabsoo wal irraa hin citne gochuun xaaliyaaniin moo’amtee erga baatee booda atsee hayilasillaaseen godaansa biyya ingiliziitii gara biyya isaanii itophiyaatti osoo deebi’anii kallattii hedduun lammiileen afrikaa raayyaa waraana ingilizii keessa turan. Raayyaa waraana ingilizii keessa lammiileen sudaan, keessa turan. Xaaliyaanonni qulqullaa’anii erga bahanii booda biyyattii itoophiyaa keessatti nageenyi erga bu’ee booda, lammiileen sudaan kibba itoophiyaatiin yeroo socho’an gurmiileen xixiqqoon raayyaa waraanaa bakka gahanitti qubachuu eegalan. Sudanoonnni itophiyaa keessatti iddole qubatan keessaa kutaan baha naannoo amaraa tokko ture. Kana irraa ka’uun, sudaanoota kanneen keessaa kanneen murtaa’an qurxummii naannawichaa itti fayyadamuunii fi mukkeen qoraanii gurguranii akkasumas kisala oomishuun magaala caffaa roobit keessa qubatuu eegalan. Lammiilee sudaan keessaa namoonni maqaa saalimii fi abdallaa qaban keessa jiru turan. Iddoo kanatti lammiilee sudaan dabalatee gojjaam irraa kan dhufan yimaam adaraa, tigraay irraa kan dhufan abbaa nigusee dhalaa keessa xaayituu gooshee kan jedhamanis jiru ture jedhan manguddoonni. Nammoonni tigray, sudaani fi gojjaam irraa dhufan kanneen hundeeffama magaalaa caffaa roobitiif, uummanni akka irra qubatu gochuu irratti gahee guddaa akka taphatan ibsa. Iddoo kanatti, akka qubatan sababa isaan taasise keessaa naannawichatti qurxummiileen jiraachuu isaa dabalatee, qonnaan bultootaa fi jireenyaafis mijataa ta’uu isaa fi bosonni jiraachuu isaati ture.

Magaalattiin dura kan hundeeffamuu eegalte kaabaan mana amantaa ortodoksiitiin yoo ta’u, suuta suutaan gara kallattii kibbaatti guddachaa dhufte. Sudaanonni dhufuu isaanitin dura karaa oliitti(gara gaaraatti) walloo yoo ta’u, karaa gadi immoo(kallattii shawaatti) shawaa jechuudhaan kan qoqqoodame ture. Namni walloo keessatti balleessaa ykn yakka uumee gara shawaatti gale gama shawaatiin yoo ta’e malee, gareen(firri) walloo shawaa cee’ee qabuu akka hin dandeenye manguddoonni naannoo kanaa ni himu. Caffaa roobiti jedhamee moggaafamun duratti naannoon sun dirree caffaa kan jedhamu akka ture, dirree caffaa jechuun naannawni sun lafa caffaa’aa kan ture yoo ta’u, moggaasa maqaa kan argatte tilmamaan naannoo bara 1934 A.L.I irraa egalee caffaa roobit akka jedhame beektoonnii fi manguddoonni magaalichaa ni himu. Gabaan naannoo sanaa caffaa dirree akka jedhamee turee fi yeroo adda addaatti iddoo gara garaatti jijjiirama dhufe. Booda irratti gabaa roobitee kan jedhamu guyyaa roobii roobi gaggeeffamu hundeffame. Moggaasni maqaa magaalattiitis gabaa kana irraa ka’uun caffaa roobit jechuun hundeeffama argachuu dandeessee jirti.

Bara 1953 A.L.I bakka amma caffaa roobit jirtu bira darbee( kaarra qoree kan jedhamu) socha’iinsi lafaa uumamee waan tureef, miidhamtootaaf gargaarsa midhaniitis ta’ee meeshaalee adda addaa kan itti walitti kuusanii fi hihiran magaalaa caffaa roobit waan tureef, iddoo kanatti uummanni bal’inaan akka itti qubatanii fi suuraa magaalaa akka qabaattu taasisee jira. Suuta suutaanis, manneen nyaataa fi dhugaatii keessaayyuu tajaajila dhugaatii adda ta’e “mariisaa” kan jedhamu tajaajila kennaa fi banamaa waan dhufeef magaalattiin guddachaa fi ho’aa dhuftee jirti. Magaalaan caffaa roobit hundeffamtee guddachaa yeroo dhufte, moggaasni maqaalee, gandichaa gooxii gooxiin moggafamee kan dhufe yoo ta’u, kan duraa aragam yoo ta’u itti fufuun muwaaxa, gululishaa, bihee wadaayyaa, qaraaruu, manguddoo, buyyanaa iddooleen jedhaman uumamanii jiru. Caffaa roobit jaarraa nugusitti bara 954 A.L.I’tti mana daakuu(wafcoo) nama dhuunfaa gonfaa badhaasoo jedhamuun dhaabbatee irraa tajaajila argachuu dandeesse jirti. Bara 1961 A.L.I immoo manni barumsa sadarkaa tokkoffaa dhaabbateef. Dhuma sirna bulmaata atsee fi jalqaba sirna mootummaa dargii bara 1967 A.L.I immoo tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu boolla gadi fageenyaan qotame argachuu dandeessee jirti.

Motummaan ADWUI aangoo erga qabatee booddee bara 1993 A.L.I pilaaniin guddina magaalattii qophaa’eef. Bara 1997 A.L.I immoo manni qopheessaa magaalaa hunda’eef. Bara 1998 A.L.I tajaajila bilbila dijitalii akkasumas, bara 1999 A.L.I tajaajila humna ibsaa sa’aatii 24 argatte. Yeroo ammaa kana magaalattii keessatti saboonni oromoo, amaaraa, tigree fi argobbaan kan keessa jiraatan yoo ta’u, Mana barumsa sadarkaa 1ffaa (1-4) tokko, mana barumsa sadarkaa 1ffaa (1-8) tokko, Mana barumsa sadarkaa 2ffaa (9-10) tokko, Mana barumsa waliigala qophaa’ina sadarkaa lammaffaa (11-12) tokko, buufata eegumsa fayyaa tokko, kilinika fayyaa bineeldootaa tokko akkasumas kolleejii leenjii ogummaa fi teknikaa tokko qabdi. Fulduraaf immoo hospitaala sadarka jalqaba tokko ijaaruuf carraa argattee dhakaan bu’uuraa kaahmeefii jira.

1. Halaa Moggasaa Maqaa Ishee

Haalli moggasa maqaa ishee yoo ilaalle maqaa ittiin beekamtuu fi ittin waamamtu qabdi. Haalli moggasa ishee kunis seenaa guddaa fi haala nama dinqisiisuun yoo ta’u, aanaan kun aanaa arxummaa fursii kan jedhamuun moggaafamte. Mogggaasni kunis jecha lama irraa kan fudhatame dha. Innis arxummaa fi fursii irraa kan fudhatame yoo ta’u, Arxummaa jechi jedhu nama arxummee jedhamu yeroo jalqabaaf naannicha irra qubatee fi nama beekamaa naannawicha bulchaa ture irraa fudhatamee haaluma kanaan maqaa namicha kanaatiin moggaasa akka argate manguddoonni ni himu. Akkasumas Fursii jechi jedhus namaa fursee jedhamu nama beekamaa naannawicha jiraataa ture waan ta’eef irraa kan moggaaffame dha. Kana irraa kan ka’e maqaan aanichaa yeroo ammaa kana jecha lamaan kana irraa fudhatamee arxummaa fursii jedhame waamama.

Magaalaa guddoon aanichaa caffaa roobit jedhamtu kunis haala teessuma lafaa irratti xiyyeeffachuun kan moggaafame yoo ta’u, kunis moggaasa maqaa caffaa fi roobit jedhu irraa kan fudhatame dha. Hiikkaan isaas caffaa jechuun jecha afaan oromoo jiidhina bakka bu’u naannawni magaalattiis lafa caffeen waan marfameef caffaa kan jedhame yoo ta’u, roobit jechuun immoo guyyaa gabaa naannichaa roobii roobii kan gaggeeffamu waan ta’eef roobit jedhame. Magaalattiinis maqaa caffaa roobit jedhamu argachuu dandeessee jirti.

2. Iddoowwan Seenaa qabeeyyii fi hawwataa Aanichaa

Turizimiin yeroo amma guddina ariifachiisaa diinagdee fi hawaasummaa fidan kessaa isa tokko. Keessaayyuu yeroo ammaa misooma biyyattii deeggaruun ariifachiisuu irratti gahee guddaa gumaachaa jira. Turizimiin akka madda sharafa biyya alaatti dhaabbilee misooma xixiqqaa xixinnoo fi jiddu galeessa mirkaneessuun gumaacha guddaa gochaa jira. Turizimiin amala isaatiin human namaa bal’inaan kan fayyadamu ta’uu isaatiin hawaasa jireenya gadi aanaa irra jiraniif keessayyuu dargaggoota, dubartootaa fi qaama miidhamtootaaf carraa hojii uumuuf ni gargaara.

Aanaa Arxummaa fursii aadaa ykn hambaa mul’ataa fi hin mul’anneen badhaatuu dha. Hambaaleen kanneenis hawaasichaaf miidhaginaan, kan guddinaa fi enyummaa isaa kan mul’isan yoo ta’an qaromina durii, seenaa yeroo dheeraa fi fuullee uumama gaarii kan mul’isani dha. Hambaan seenaa bara duraa fi bara seenaa ilma namaa bu’aa sochii hojii fi uumama kan ta’e kan uumama adeemsa jijjiiramaa kan mul’isuu fi kan ibsu wanta sayinsiin, seenaan, aadaa fi ogummaa harkaatiin haala oli aanaan barbaadamaniif gatii kan qabu ta’ee, wanta guddina qabuu fi hi qabne of keessaa kan qabu dha. Akkasumas, ibsa eenyummaa seenaa, aadaa barama biyya tokkoo kan mul’isu dhaloota darbe irraa kan dhaalamee fi dhaloota dhufuuf kan darbu bu’aa hojii fi uumaa bara dheeraa dha. Walumaa galatti fayidaa isaanii keessaa muraasni guddina saayinsii fi hojii harkaa ilma namaa irratti qo’annaa fi qorannoo gochuuf akka ka’umsatti ni fayyadu. Kan malees ibsa eenyummaa ta’uun alatti galii fi guddina ikoonomii fi walitti dhufeenya hawaasummaatiif ni oolu.

 

Turistii jechuun namni tokko bakka jireenya isaa irraa ka’ee sa’aatii 24’f gara biyya biraa deemuun yoo ture turistii jedhamuu ni danda’a. Adduunyaa irratti bakkeewwan seenaa qabeessa(iddoowan hawwataa) qaban biyyoota hedduu dha. Bakka kana turistootaaf mijeessuudhaan akka madda galiitti ni fayyadamu. Biyyi keenya itoophiyaanis biyyoota kana keessaa ishee tokko. Kanaafuu, iddoowwan hawwataa aanaa keenyaa keessa jiran misoomsuun, kunuunsuun, haala mijataa taasisuun akkasumas beeksisuun galii tajaajila turizimiif oolchuutu nurraa eegama.

Walumaagalatti aanaan arxummaa fursii iddoowan hawwata turizimii hedduu qabaachuun maqaa gaariin akka waamamtu ishee godheera. Isaan keessaas Awwaala arboota qombooroo, gamoo jeneral abbabaa gammadaa, hoolqa dareensaa, Iddoowwan awwaala shee umar, riqicha angal, awwalli huusoo fi bishaan hoo’ituu ashawaa luxee isaan bebbeekamoo dha.

Lakk.

Maqaa Iddoowwan hawwatichaa

Godinaa

Gandaa

Goxii

Bifa isaa

Fageenyaa

1

Hawwaala Araboota Qonbooroo

G/s/Oromoo

Geeloo

Fattee

Nam tolchee

20km

2

Awwaala Husoo

G/s/Oromoo

Qiciico

Husoo

Nam tolchee

22km

3

Bishaan ho’ituu Ashawa luxee

G/s/Oromoo

Ashawaa luxee

Luxee

Uumaama

7KM

4

Awwaala Shee umer

G/s/Oromoo

Golboo Arba

Shee umar/Waalkee

Nam tolchee

10km

5

Olqa Darreensaa

G/s/Oromoo

Darreensaa

Uloo

Uumaama

6

Gammoo general Abbabaa Gammadaa

G/s/Oromoo

Qiciico

Nam tolchee

20km

7

Riiqichaa Aangaal

G/s/Oromoo

Qiciico

Nam tolchee

22km

Iddoowwan Seenaa Qabeessa Aanaa Arxummaa Fursii

1. Awwaala Araboota Qombooroo

Awwaalli arabootaa kun magaalaa Aancihaa Caffaa roobit irraa km 20 fagaattee ganda geeloo keessatti argamaa. Maqaan qombooroo argamuu kan danda’e yeroo mootummaa najaashiin dura Nama Qombooroo jedhamu iddoo sana jiraachaa akka turee fi namootaaf barumsa amantaa kennaa akka ture ni himama. Iddoon Seenaa qabeessi awwaala arabootaa itti argamu kuni haalli qilleensa isaa gammoojjii yoo ta’u, iddoo lafa ol ka’aa fi mukkeen gara garaan marfamee argama. Iddoon awwaalli kuni itti argamu iddoo addaa qombooro jedhamutti argama. Iddoon hawwataa kuni yoomi akka raawwatame ragaadhaan argamuu dhabullee dhaloota 13ffaa geenye jirra manguddoonni jedhani immoo bara 1000 oli akka tahe ni himu. Awwaalichi kan eenyu fa’aa akka ta’e baruuf manguddoonni akka jedhanitti dhakaalee awwaalichaa irratti afaan arabiffaan kan barreeffame akka dubbifamutti hijiraa 2ffaa keessa sahaaboota araboota gara Itoophiyaa dhufan tahuu isaanii fi baay’inni isaaniis 42 akka tahan isaan keessaas 2 dhalaa tahuu isaanii fi mootummaa Yifaatiif dhaamsa dabarsanii yeroo deebia’n lola isaan qunnameen akka du’an ni himama. Garuu qorannoon arkiyooloojii osoo godhamee waan hunda baruun ni danda’ama ture.

Gama biraatiin immoo yeroo dhiyoo keessa manguddoota Umrii dheeraan ta’an gaafatameen awwaalichi kuni bifa abjuu fi raajiitiin argame jedhu. Argama awwaala kanaatiif sababa guddaa kan ta’e waliyyi zayiduudha jedhu manguddoonni himan. Waliyyi zayiduun magaalaa axaayyee keessa kan jiraataa turan yoo ta’u, akkuma abjuu arganiin imalli isaanii inni guddaan gara awwaala araaboota durii kan ta’e gara gooxii qomboorootti dhufuun mootii naannoo sana bulchaa ture qanyi azmaachi Aliyyi Adamee waliin wal qunnamanii waa’ee bakka seenaa qabeessa qombooroo kana marii cimaa godhuun murtee irra gahan. Kana booda bakki awwaalaa kun akka qotamu taasisuuf qanyi azmaachi Aliyyi Adamee uummata ajajuun bakki suni akka qotamuu fi qoratamu godhan. Uummannis gaaffii maalif bakka kana akka qotamu sammuu isaanii keessatti uumamee jiraatus garuu maalif akka qotamu namni gafate hin jiru jedhani. Erga qotamee booda barreeffamni dhakaa irratti barreeffame argamuu danda’ee jira. Barreeffamni kunis kan inni ibsu awwaala araboota durii ta’uu isaa, maqaa sahaaboota achitti awwaalamanii, eessa irraa akka dhufanii fi sababa maaliif akka dhufan kan ragaa bahu ture jedhan manguddoonni. Araboonni kunis kan isaan dhufan su’uudii arabiyaa irraa, yaman irraa, sooriyaa irraa, Iraaqii fi kuweet irraa akka dhufan barreeffamni dhagaa irratti barreeffame ni hima. Baay’inni namoota achitti awwaalamanii ragaan barreeffamaa dhagaa irraa argame akka ibsutti 44 yoo ta’an isaan keessaa 2 dubartoota akka ta’an maqaa isaanii dhagaa irratti barreeffame irraa adda baasuun danda’amee jira jedhu manguddoonni himan.

 


Araboonni kun yeroo sana makkaa keessa lolli akka turee fi sababa kanaan nabiyyuu muhammaad irraa ergaa fudhatanii gara Mootummaa najaashii deemaa jedheenii sababa daa’iwaatiif mootummaa najaashiif ergaa dabarsuuf akka dhufan ni himama. Maqaan araboota kanaatis Isma’il jabartii, Abdallaa ibnu Maalik, qaasim Abdurrohmanii fi ibnu Afuun faa akka ta’an barreeffamoonni dhagaa irra jiran ni ibsu jedhu manguddoonni himan. Yeroo dhiyoo kanas warra arabootaa irraa tokko kan ta’e sa’uudii irraa yeroo dhiyootti kaartaa hordofuun dhufee akka turee fi bakka kan daawwatee akka deeme jirattoonni naannoo sanaa ni dubbatu. Iddoon hawwataa kuni bakka seenaa qabeessaa fi hambaa durii haa jedhamuu malee daawwattootaaf haalli mijataa akka hin taane akkasumas ziyaaraan bakka sanatti qophaa’u namoonni kallattii adda addaa irraa waan dhufaniif haalli mijataa akka hin taane dubbatu. Bakki kuni bakkeewwan seenaa qabeeyyii aanaan keenya qabdu keessaa isa tokko waan ta’eef kunuunsamuu fi galii turizimiif ooluu qaba. Akkasumas qorannoon arkiyooloojii osoo godhameefii irraa caalaa ifa bahuu ni danda’a. (ragadhaaf Obbo Muhammad Adamee Aliyyii Umrii 60 fi Obbo Aliyyi Muhammad Aliyyii )

2. Seenaa Gamoo Jeneraal Abbaa Gammadaa

Gamoon abbaa umrii dheeraa dhakaa babbareedaa irraa qofa ijaarame kuni bara 1953 Jeneraal Abbabaa Gammadaa ajaja raayyaa waraanaa kan turen kan ijaarame yammuu ta’u gamoon bareedaa fi umrii dheeraa lakkoofsisee fi yeroo ammaa kanas akka waan haarawa ijaarameetti kan namatti tolu kuni magaalaa aanichaa caffaa roobit irraa gara bahaatti k.m 21 fagaatee ganda qiciicoo keessatti kan argamudha.

Gamoon kuni baraa 1952 A.L.H Jeneraal Abbabaa gammadaa ajaja saraawitii(raayyaa) waraanaa tureen bu’uura dhakaa kaahuudhaan bara 1953 ijaarsi isaa jalqabamee yeroo gabaabaa keessatti akka raawwatamu kan taasifamedha. Ijaarsi gamoo kanaatis lafa bal’aa irratti bilookii jahaan qoodamee kan ijaaramedha. Bilookoonni kunis gahee faayidaa qofa qofaa kan qaban turan yeroo sana. Isaanis:-

· Bilookiin 1ffaa Yeroo ammaa kana buufata faayyaa qiciicoo kan ta’e, yeroo sanitti Mana jireenyaa abbaa aangoootiif jedhame kan ijaarame dha.

· Billookiin 2ffaa Yeroo ammaa kana biiroo bulchiinsa gandichaa kan ta’e, yeroo sanitti Biiroo waajjira abbootii aangootiif jedhame kana ijaarame dha.

· Bilookiin 3ffaa Walgahii uummataatiif jedhamee yeroo sana kan ijaarame dha.

· Bilookiin 4ffaa yeroo ammaa kana dallaa mana barumsaa keessa kan jiru hanga meetira 50 kan dheeratuu fi kutaaalee 7 kan qabu, Mana barumsaatiif jedhamee kan ijaarame dha.

· Bilookiin 5ffaa Tajaajila Mana yaalaatiif jedhamee kan ijaarame dha.

 


Haala Ijaarsa gamoo Jeneraal Abbabaa Gammadaa

Haalli ijaarsa gamoon dhakaa kuni baay’ee kan nama ajaa’ibsiisuufi kan nama dinqisiisu kan taasise dhakaa gurraacha naannawa tokko jiran qofa buqqisuun konkolaataa fe’umsaa MAC jedhamuun akka dhufu kan godhame, cirracha, ashawaa fi bishaan ijaarsaaf oolu konkolaattoota fe’umsaa lamaan laga jaarraa irraa fe’uudhaan dhakoolee babbareedaa roga rogarratti miidhaginaaf godhaman naannoo”Mashoolee” jedhamu irraa fiduudhaan, jabeeyna ijaarsa gamoo kanaatiif kan ta’u akka simmintoo walitti makamee bukeessuudhaaf kan itti fayyadaman biyyoo Nooraa adii naannoo laga boorkannaa “sheeh Muqrii” jedhamurraa haumna namaatii fi humna harreetiin guuruudhaan akka ijaaramu kan taasifamedha. Inni biraa ogeessoota warra ijaarsa kana ijaaran naannoo kibba Walloo/Dabuub Walloo Dasee” irraa namoota ammaan dura warra xaaliyaanoota waliin hojjechaa turan barbaadamanii kan dhufan yammuu ta’u akkasumas yeroo sana hojii guyyaanii hojjechuun uummannii naannoo keenyaa akka waan hamaatti ilaalan waan tureef ijaarsa kanaaf namoota hojii guyyaanii hojjetan naannoo daseetii kaffaltii guyyaaniin qarshii tokko tokkotiin konkolaataa fe’umsaa lamaan fuudhamanii hojjetaa turan jedhama. Karaa biraatiin meeshaaleen dabalataa ijaarsa kanaaf oolan Qorqoorroo, Xaawulaa, Mistaawata, Cufanaa, Mismaara, koornisaa fi k.k.f. finfinnee irraa fe’manii kan dhufan yammuu ta’u, Qorqoorroo tokko isaa k.g. 5 kan meejjanu herrega qarshii 6 /jahaatiin/ baay’ina qorqoorroo 2000 , xaawulaa isaa muka zigbaatiin kan oomishamee fiduudhaan kan ijaarame dha.

Walumaa galatti ijaarsi gamoo dhaakaachaa umrii dheeraa Jeneraal Abbabaa Gammadaa kunis furdinni (Thikness) isaa seniti meetira 60 kan ta’uu fi ijaarsaaf yeroon inni fudhate ji’a jaha yammuu ta’u, yeroo sana bahiin ijaarsa kanaaf oole qarshii 100,000 (Kuma dhibba tokko) qofaa akka tahe jaarsoleen abbaa umrii badhaadhaa ykn dheeraa ta’an yeroo sana ijaarsa kana keessa waliin turan Obbo Umar Abbabee nuuf ibsanii jiru. Kanaafuu gimbiin Jeneraal Abbabaa Gammadaa kuni hanga ammaatti umrii dheeraa haa ta’uu malee yeroo amma kanas akka waan haarawa ijaaramee kan fakkaatuu fi fuula duraafis yeroo dheeraa waan tajaajiluu danda’uuf hundi keenyaa daawwannaa gochuudhaan akka itti dinqisiifattanii fi eengumsa gimbii kanaaf akka gootan dhaamsa dabarsina. ( Mada ragaatiif Obbo Umar Abbabee fi Obbo Hasan Abdallettiif galata gudda isaan haa gahuu)

3. Waa’ee Seenaa Riqicha Angal Beektuu ?

Riqichi Angal magaalaa Qiciicoo irraa k.m 10 fagaatee karaa kaaba lixaatiin gooxii waldahoo jedhamu keessaan qaxxaamuree kan argamudha. Riqichi kuni bara 1947 duratti nama Dajaazmaachi Yasuf Birruu jedhamu uummata Dawwee fi uummata Arxummaa wal qunnamsiisuudhaaf yaadamee laga Borkonnaa irratti kan ijaarame yammuu ta’u riqichi kuni yeroo Dajaazmaachi Yasuf Birruu jaarraa Awuraajjaa gaggeessummaadhaan hojjatu sana muka naannoo sanatti argamurraa qofa hoojjachuudhaan osoo itti tajaajilamanii bara 3 booda bishaan boorkannaa humnaa oli guutuudhaan riqichi kuni jige. Erga riqichi kuni jigeen booda walqunnamtii fi walitti dhufeenyi uummata dawweetii fi uummata arxummaa waan addaan citeef uummanni gara kana lamaanuu walitti dhufeenyi keenya cituu hin qabu jechuudhaan bara 1947 A.l.h hiriiraan Jeneral Abbabaa Gammadaarratti gaaffii isaanii dhiheessan. Haaluma kanaan Jeneraal Abbabaa Gammadaa qaamaan iddoo riqichi itti argamu sana ilaalee qorachuudhaan battalumatti riqichi kuni akka ijaaramu taasisuudhaan walqunnamtii fi walitti dhufeenya uummata Dawwee fi Arxummaa akka itti fufu godhamee jira jedhu manguddoonni.

Riqichi Angal kuni baay’ee kan nama dinqisiisu sibiilaa fi muka Xaawulaa irraa qofa kan hojjatame yammuu ta’u, Riqicha xaawulaan ijaarame kanarraa yeroo baay’eedhaaf namni gaalli, qotiyoonni, saani, harreen, re’een , hoolaanii fi k.k.f irra deemuudhaan itti fayyadama turanii jiru. Riqichi Angal bara 1947 xaawulaa irraa hojjetame kuni yeroo ammaa kana akka duraatti beeladoonni irraa deemuudhaaf mijachuu dhabus hanga ammaatti suuphaa tokko malee ganna ganna yeroo bishaan lagni boorkannaa guute akka irraan deeman gochuudhaan walqunnamtii fi walitti dhufeenyi uummata dawweetii fi uummata arxummaa yoomillee akka addaan hin citne godhee jira. Kanaafuu, Riqichi Angal umrii dheeraa lakkoofsise hanga ammaa kanallee hawaasa dawwee fi arxummaa akka addaan hin citne gochaa jiru kana ajaa’ibumaaf haala ijaarsa isaa qaamaan bira geenyee daawwachuudhaan tajaajila bara 55 oli godhe kanaaf galatoomfachaatii tajaajila fuula duraaf godhuuf immoo suuphaa barbaachisaa ta’ee fi eegumsaa fi too’annoo cimaa ta’e akka godhamuuf hundi keenyaa gahee keenya haa baanu jenna. ( Madda ragaa seenaa kanaaf Jaarsolee abbaa umrii dheeraa Obbo Hasan Abdallee galatoomaa jenna)

4. Awwaala Shee Umar

Aanaan arxummaa fursii naannoo amaaraatti godina oromoo keessaa aanaa ishee tokko yoo taatu, kamisee irraa km 25 fagaattee argamti. Awwaalli shee umar magaalaa aanichaa caffaa roobit irraa km 12 fagaatee ganda golboo arbaa keessatti argama. Iddoon argama isaa lafa olka’aa irraa fi mukkeen garagaraatiin marfamee argama.

Awwaalli shee umar iddoo hawwataa nam tochee keessaa isa tokko yoo ta’u, iddoowwan hawwataa aanicha keessa jiran keessaa adda isa taasisa, kunis sirna ziyaaraa bara baraan ji’a hagayyaa keessa guyyaa 4 tti qooduun kabajama. Guyyaan guyyaan gochawwan adda addaa fi daawwannaan garagaraa ni godhama. Kabjni ykn ziyaaraan awwaala shee umar kuni yoom akka jalqabame sirriitti beekamuu dhabullee bara 160 akka gahe manguddoonni umrii dheerraa jiraatan ni himu. Sababni guddaan bara baraan ziyaaraan iddoo kanatti godhamuuf, Seenaa cimaa shee umar raawwatan, guyyaa itti boqotanii fi guyyaan qabsoo fi biisummaa itti argatan dhaloota dhufuuf daddabarsuudhaaf jecha tokkummaan walgahanii sirna ziyaaraa kabaju.

Akkuma beekamu namoonni yeroo adda addaa sirna raawwannaa/daawwannaa tokkoo irra diddeebi’uudhaan yeroo taasisan ni mul’ata. Irra diddeebiinii fi itti fufiinsi akkasii immoo hawaasa keessatti aadaa wal danda’uu, walii yaaduu fi walitti dhufeenya tokkummaa baruu uuma. Ilmoon namaa sirna daawwannaa ykn ayyaanaa itti fufsiisuudhaaf taateen jireenyaa fi afaanii garagara haa ta’uu malee, sirna mataa isaa fi ka’umsa mataa isaa danda’e ni qaba. Waliigala sababa ka’umsaa qabaachuu qaba. Kanaafuu, daawwannaan awwaala shee umari irratti taasifamus kana irraa kan adda ta’ee miti.

Dhalootni shee umar yoomi akka ta’e beekamuu dhabullee, naannoo oromiyaa arsii irraa akka dhufan ni himama. Jecha dhalootarraa daddarbaa dhufe malee ragaadhaan wanti argam hin jiru. Kaayyoon guddaan shee umar biyya dhalootaa isaanii arsii irraa fagaachuun gara aanaa arxummaa fursiitti dhufaniif, amantaa muslimaa babal’isuuf bakkeewwan hin geenyetti geessisuuf akka ta’e manguddoonni ni himu. Akka dhufaniin iddoo utaaltee jedhamu akka qubatan ni himama. Akkuma dhufaniin osoo yeroo hin fudhatin abbaa aangoo naannoo sana humnaan bulchaa ture irratti jihaada/lola/ banuudhaan amantii kiristaanaa dhippisuun amantaa muslimaa akka babal’isanii fi injifannoo akka argatan ni himama.

Ayyaana ykn ziyaaraan iddoo awwaala shee umar irratti raawwaatamu ka’umsa mataa isaa ni qaba. Innis shee umar jihaada amantaa ajajuu irra darbee wareegama ajaa’ibsiisaa raawwachuu isaaniiti. Akkasumas sheekaa amantaa ta’uu isaanii fi jagna amantaaf jihaada bananii dua’an ta’uu isaanii hawaasni naannoo sanaa ni himu.

wareegama shee umar raawwatan ykn taasisan jedhame keessaa jihaadni isa tokko ta’ee, kan biraa immoo Musbahaa isaaniitiin wareegam abbaa aangoo ykn irree arxummaa bitaa ture irratti raawwatanidha. Abbaan irree arxummee jedhamu yeroo sana arxummaa humnaan bulchaa ture. Akka aadaa hawaasichaatti saalli lamaan erga walfuudhanii (cidhi raawwatee) gara mana mushirrichaatti deemuun seera uummatichaa ture. Garuu, barsiisa abbaa irree arxummee jdhamu kanaan raawwatamaa ture akka aadaa abbaa irree kanaatti cidhaan dura (heerumaa fi fuudha) misirrittiin heerumtu gara mana abbaa manaa ishee (isa fuudhuu) deemuun dura abbaa irree kanaa wajjin ciisuu qabdi jedhama. Kunis abbaan irree kuni sodaachisuun nama itti erguun humnaan gocha kana raawwata. Kanaafuu guyyaan cidha isaanii saaloonni lamaan gammachuun osoo hin ta’in gocha abbaan ire rawwate kanatti gaddaan dabarsu jedhama.

Kanaafuu, namichi kuni gocha kana raawwachuun waan beekamuuf haadhi manaa Shee umaris ija isaa keessa sheente. Abbaan aangoo kunis nama tokko kaasuudhaan shee umaritti haadha manaa isaanii akka itti erguuf abbaan irree ergaa dabarseef. Shee umaris musbahaa isaanii haadha manaa isaatti kennuun yeroo abbaa irree arxummee bira geese maali godhuu akka qabdu sirriitti haadha manaa isaaniitti himuun gara arxummeeetti ishee erge. Isheenis yeroo arxummee bira geesse battalumatti musbahaa kan arxummee fuula duratti aate. Musbahichis yeroma sana gara bofaatti jijjiiramuudhaan arxummee miilaa hanga mataatti itti maramuun ajjeese jedhama.

Kanaafuu, akka waliigalaatti gocha badaa sammuu keessaa hin badne abbaan irree kuni uummata cunqursuun aadaa uummatichaa irratti raawwataa ture Shee umar injifannoo argachuun uummata bilisa baase. Awwaala shee umar irratti haaluma kanaan daawwannaan sababni godhamuuf seenaa fi barsiisa isaanii yaadachuu fi kadhannaa rabbi gaggeessudhaaf awwaala shee umar irratti bara baraan walgahu.

5. Hoolqa Dareensaa

Bulchiinsi ganda dareensaa gandootaa aanaa Arxummaa fursii keessaa tokko yeroo taatu magaalaa aanichaa Caffaa roobit irraa km 18 fagaattee argamti. Dareensa jechuun jecha afaan oromoo irraa kan dhufe yoo ta’u citaan yeroo sana dareensa jedhamu gandicha keessatti waan biqiluuf moggaaሳ kana argachuu dandeessee jirti.

Hoolqi kuni iddoowwan hawwata turizimii aanaa keenyaa keessaa isa tokko yoo ta’u, uummata naannawichaatiin moggaasa addaa ta’e hoolqa huloo ykn hoolqa saaroo jedhamuunis ni beekama. Moggaasni kunis argamuu kan danda’e iddoo argama isaa irraa kan ka’e ta’uu isaa jiraattoonni naannoo sanii ni himu. Teessumni hoolqichaa yaa’a bishaanii huloo lamaan qarqaratti argama. Akkasumas hidda “laaluu” guddaa ta’een, Mukkeen adda addaa fi dhakaawwaniin marfamee mul’ata. Gaaricha keessa karaan keessa keessa nama seensisu ni jira. Kunis, qe’ee huloo keessaa bahee argama.

Hoolqi kuni, umrii dheeraa waan galmeessiseef uumamaan ta’uu isaa malee, eenyuun akka hojjatamee fi yoom akka argamee ragaan ibsu hin jiru. Akkasumas bal’ina isaa fi gadi fageenya isaa madaaluuf rakkisaadha. Haata’uu malee, bara 53 akka har’aa yeroo mootii haayilasillaasee, namoonni lama Ibraahim Amaanuu fi Aliyyi usumaan jedhaman yeroo dargaggummaa isaanii sheenuu isaanii manguddoonni Umarii dhedheeraa ni himu. Garuu, namoonni lamaan kuni baatrii ibsachuun erga sheenanii booda bineensoota waliin yeroo wali lolan ilaaluun, namoonni tokko tokko dheerinni isaa lafa qurxii 2 fi 3 akka ta’u ni himu (Obbo Muhee Muusaa Umrii 45). Kana jechuun fageenya Meetira 15 hanga 20 akka ta’u ni tilmaamama. Ta’us, baroota xiqqoo darban kana keessa jireenya bineensoota mukaatiif fayyadaa akka ture manguddoonni ni himu (Obbo Ibraahim Yimaam Umrii 58).

6. Bishaan ho’itu Ashawaa luxee/Aartuu/

 

 

Bakkeen kun bakkeewaan seena qabeesa Aanaa Arxummaa Fursii keessaa isaa tokko yoo ta’u,magaalaa aanicha irra fageenya 7 km fagatee gandaa ashawaa luxee jedhamtu keessatti kan argamudha. Bakkeen kunis bishaan umaaman dho’iinsa lafaan yeroo dhihootti uumame dha.

 

7. Majiida Husoo

 

 

Masjiidni huusoo magaalaa aanicha caffaa roobit irraa kilo meetira 22 fagaatee kan argamu yoo ta’u, bakkeen kun bakkee seenaa qabessaa fi turistoonni garagaraa dawwaatani dha. Jechi huuso jedhu jecha sagalee ususaatii dubbadhaa sheekota irratti sagalee oli kaastanii hin dubbatinaa jedhu irraa dhufe jedhu. Bara durii sheekotni maqaan isaanii Ahimad Aladii jedhaman gooxii huusoo kana keessa jiraataa turan. Yeroo jiraataa turanis bu’aa hawaasa naannoo sanaatiif buusaa turaniiru. Bu’aawwan isaan buusan keessaa barnoota amantaa muslimaa babal’isuun barsiisaa fi du’aa’iiwwan gochuun kan tajaajilaa turan akkasumas uummata oromoof bu’aa gaarii dabarsaa kan turan ta’uu isaanii manguddoonni ni dubbatu. Sheekonni huusoo osoo haala kanaan bu’aa hedduu buusaa turanii fi naannoo sana tajaajilaa turanii yeroon booda adduunyaa kana irraa boqotan. Sababa kanaanis hawaasni naannoo sanaa yaadannoodhaf iddoo awwaala isaanii irratti mana ijaaranii dabalataanis naannoo awwaala kan irratti masjiida huusoo jedhamee beekamu ijaaranii akka turan manguddoonni ni ibsu. Umriin masjiida kanaa umrii waggaa 70 oli akka ture manguddoonni naannoo sanaa ni seenessu. Ijaarsi masjiida kanaa muka jajjabaa fi citaa irratti uwwisuun akkasumas keessi isaa utubaa tokko walakkaa isaatti qaba. Kana malees utubaawwan adda addaa 12 ta’an masjiidicha keessatti argamu. Yeroo ammaa kana masjiidcha keessatti kadhannaa amantaaf tajaajiluun alatti baratti ali tokko ji’a rabi’al awwali jedhamu keessa uummanni waan qabu walitti fidachuun molliida godhuun rabbiiin kadhachaa waliin dabarsu.

 

 
free pokerfree poker

Fakkiiwwan Tarree

LOADING
Photo Title 1Photo Title 2Photo Title 3Photo Title 4Photo Title 5
JT-SlideShow-Footer

Waa'ee Fuula Keenyaa

About Our delivery
 

Artumafursi Copyright© 2009 All Rights Reserved.

Designed by Artumafursi Woreda ICT Core Process