Blue Joomla Templates

Daawwatoota

mod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_countermod_vvisit_counter
mod_vvisit_counterToday570
mod_vvisit_counterYesterday65
mod_vvisit_counterThis week650
mod_vvisit_counterLast week175
mod_vvisit_counterThis month635
mod_vvisit_counterLast month773
mod_vvisit_counterAll days15322

We have: 106 guests online
Your IP: 3.147.193.164
Mozilla 5.0, 
Today: Jul 02, 2024

Yeroo Adduunyaa

Fayyadamtoota

We have 106 guests online

Archieved Content

PDF Print E-mail

Isseetoota Aadaa hawaasaa fi qabeenyoota hawwataa Aanichaa

Isseetoota /sona/ aadaa haawaasa aanichaa fi Iddoowwaan seenaa qabeeyyii/qabeenyoota/ dabalatee, aadaan mala jireenya hawaasa tokko keessatti yaada walii galtee, amalaa fi barama jijjiirama diinagdee hawaasa tokkoo kan ibsu ta’ee, akka walii galatti qabeenyoota mul’ataniifi yaadaan jiran hunda kan of keessatti qabate ta’uu isaa beektoonni waa’ee aadaa irratti bobba’an irratti walii galanii jiru. Mootummaan ADWUI onkololeessa 1990 poolisii aadaa baase keessatti fuula 5 irratti waa’ee aadaa haala armaan gadiitiin kaa’eera.

“Aadaan ilmii namaa namummaa fi sababaan uummamuu kan dandeessise ykn uumama biroo irraa adda akka ta’u kan isa taasise amalaa fi beekaa ykn hayyuu kamiyyuu, Qaamummaa, haalota beekumsa teeknikaa fi sammuu isaa akka of leenjisu hunda yoo of keessaatti qabate dha. Akkasumas hawaasni tokko kan biraa irraa adda isaan taasisuun haalota itti beekaman jechuunis mala jireenyaa, ergaa amantaalee walii gala qabeenyoota mul’atanii fi yaadan jiran hunda of keessatti kan qabate “jedha.

Hiikkaan kun haala uumattoota saboota aanaa keenyaatiin yammuu ilaallu abbaa qabeenyoota aadaa hiikkaa kanaa yoo ta’an, tokkoon tokkoo isaanii irraa kan adda isaan taasisu haalota hawaasummaa, Ikoonoomii, polotikaa ,amalaa sirna bulchiinsa, amantaalee fi haalota xinxaala sammuu ykn afaan isaanii seenaa fi sirna jechootaa, haala ijaarsa manaa, Oomisha meeshaalee fi sirna nyaata isaanii uffataa fi haala uffannaa isaanii, hubannoo bareedinaa fi faayaalee isaanii, haala raawwannaa sirna amantaalee isanii, sirnoota da’umsa isaanii, ciidhaa fi boohichaan wal qabateen waliitti dhufeenya gandaa ollaa fi firaa irratti walii yaaduu isaanii, sirna bulchiinsa aadaa isaanii, maloota haala eegumsa fayya isaanii fi k.k.f. hunda of keessaatti qabata. Akkasumas haftee uummattoota aanichaa, bu’aalee hojii harkaa, bu’aalee hojii kalaqaata;an, ergaawwaan adda addaa (ልዩ ልዩ ትዉፊቶች), sirboota fi barnoota , shubbisa, daldalaa, ayyanoota sabootaan kabajamuu fi aadaawwan kabajaman akkasumas ta’eewwanii fi hawwata aadaa hunda of keessatti qabata.

Isseetoota Aadaa fi sirnoota amantaalee adda addaa hawaasa aanichaa kanneen kutaalee lamaan qoqqoodnee ilaaluun ni danda’ama. Aadaa Hambaa (ቁሳዊ ባህል) hawaasa aanichaa yammuu jennuu wantoota mul’atan meeshaalee itti fayyadaman, gamoowwan ijaarsa mana adda addaa, meeshaalee aadaa, iddoowwan seenaa qabeeyyii ta’anii fi k.k.f. hunda of keessatti kan qabatu yoo ta’u, Aadaa yaadaa(መንፈሳዊ ባህል) yommuu jennuu waliigaltee yaada polotikaa, muuziqaa ykn sirbootaa, walaloowwan, barnoota amantaalee, barmaatilee, duudhaa fi k.k.f. hunda of keessatti qabata. Qabeenyootni aadaa hawaasa aanichaa kun hunduu dhalootaa gara dhalootaatti aadaa daddarbaa dhufe yoo ta’u፣ ammas haaluma wal fakkaatuun hawaasichi wantoota adda addaa irratti wantoota walii galan irratti moggaasa addaa itti kennuudhaan qabeenyoota itti fayyadamaa jiru dha.

Kanarraa ka’uun saboonnii fi sab-lommoonni aanaa arxummaa fursii kan biroo irraa wantoota adda isaan taasisu amala isaanii fi haala jireenya hawaasichaa haala itti sirreeffatanii fi sirna ofii irratti walii galan aadaa adda ta’e qabu. Hawaasni aancihaa abbummaa isseetoota aadaa, hambaalee fi yaada olitti caqafamanii yoo ta’u, sirnoota aadaa fi seenaa kana itti raawwachisan ni qabu.

Isseetoota aadaa kanneen yoo ilaallu gandi tokko kan biraa irraa kan adda isaa godhuu fi isseetootni aadaa fi hambaalee hawaasichaa sirna jireenyaa, enyummaa, ogummaa hawaasichaa gara galchuun ilmaan namaa irraatti kan itti ibsatuu fi dandeettii isaanii kan itti beeksisanii fi ilmaan namaa uumamaan guutuu ta’uu isaa haala itti beeksisu. Hawaasicha jireenya hawaasummaa keessatti murtee sirrii ta’e haala itti kennu sirna murtii aadaa (Abbagaar) walitti dhufeenya hawaasummaa fi aadaa walqabataa hawaasa ollaa biraa wajjiin qaban maal akka fakkaatu sirriitti haala itti ibsatu dha.

Qabeenyi aadaalee hawaasa aanichaa gargaarsa misoomaf ooluu irraa kan ka’e, sochiiwwan guddina turiziimii fi qabeenyoota turiziimii hedduu yaada keessa galchuun qorachuunii fi beeksisuun jijjiirama Indiistirii turiziimii guddisuun hawaasni aanaaichaa qaamonni itti gaafatamummaa qaban aanaan kuni ndustirii turizimii irraa galii akka argatuu fi akka irraa fayyadamu gochuu irratti gahee guddaa taphatuu danda’a.

Dabalataanis qabeenyootiin saboota aanichaa kun haala uffannaa aadaa fi faayaa, ayyaanota aadaa fi amantaalee, gochoota sirna aadaa jechuunis sirna murtee abbagaar, sirna boolla qayyaa dubartoota(mana bareedinaa), haala nyaata aadaa, bu’aalee hojii kalaqaa fi bu’aalee hojii harkaa, haala Ijaarsa aadaa manaa, meeshaalee aadaa itti fayyadaman ykn bu’aalee ogummaa garagaraa, sirboota aadaa fi meeshaalee muuziqaa, shubbisa, aadaa walitti dhufeenya ibsama hawaasaa /ciidhaa fi boohicha/ , dhaabbattoota wal garggarsaa fi ikoonoomii hawaasa Ijaarsaa fuullee aanichaaf tokko ibsama seenaa aadaaleeti. Seenaan aadaalee hawaasichaa ibsame jechuun immoo fuulleen aanichaa dagaage ykn beekame ykn ijaarame jechuudha . Haa ta’uu malee hambaalee aadaa kana irraa galiin daldala turiziimii olaanaa argachuun osoo danda’amu galiin jiru xiqqoo dha. Kanaafuu kunis gara fuula duraaf xiiyyeeffannoo guddaa waan gaafatuuf hojii manaa hawaasichaa fi qaamolee mootummaati. Isseettootaa fi qabeenyoota hambalee aadaa hawaasa aanichaa olitti ibsaman sirnoota raawwannaa isaanii haala armaan gadiitiin ibsuuf yaaliin godhamee jira.

1. Tajaajila Meeshaalee Aadaa fi bu’aalee ogummaa harkaa

Saboonni Aanichaa dandeettii waa uumuu isaanii kan safaranii fi adda kan isaan taasisu muuxannoo meeshaalee tolchani fayyadamuu ni qabu. Kana irraa kan ka’e hawaasni aanichis abbaa qabeenyoota ogummaa hojii horkaati. Fakkeenyaaf, dandeettii muuxannoo ogummaa hojii harkaa(Shammaanee) umrii bara dheeraa kanneen qaban, abbaa hojiilee yeroo amma uumaniif sababa tahuun sadarkaa isaan irra gahaniif hojiileen harkaa duraa sun gahee guddaa akka taphatan beekamaa dha. Sababiin isaan qorannoo fi qo’annoo (hojii uumuu ) kan jalqabu muuxannoo barama aadaalee ogummaa hojii harkaa qaban irraa ka’aniit. Tajaajilli Meeshaalee ogummaa harkaan uumaman kun Walitti dhufeenya hawaasaa galma polotiikaa, garee daldalaa, garee qonnaa fi k.k.f. hambaalee eenyummaa hawaasa tokko ibsuu danda’anidha. Isaan keessaa kanneen armaan gadii isaan bebbeekamoo dha.

Hambaalee mukaa irraa hojjetaman

  1. · Burkummaa/Barcuna mukarraa kan hojjetamu ta’ee boraatii dubartoota heerumaniif kan tajaajilu dha . kunis lafarraa xiqqoo oli ka’ee madii lamaaniin dheeratee keessi isaa garuu akka moqocaa ona tahee naannawi isaa geengoo dha. Ona ykn hoolqicha keessa immoo dubartoonni dhadhaa keessa kaawwatu. Shamarran heeruman meeshaalee aadaa qabatanii deeman keessaa isa tokko dha.
  2. · Naarjii muka irraa kan hojjetame meeshaa aadaa dhadhaa itti qabatani dha.
  3. · Qorii mukarraa kan hojjetamu ta’ee, meeshaa Ittoo, marqaa, anfeellaa k.k.f itti dhiyaatu dha.
  4. · Dibbee muka akka qoriitti hoolqeessanii tolchuun gubbaarraan qodaadhaan uraa isaa cufuun itti hodhuun hojjetama.
  5. · Ulee dargaggoonni yeroo mara babbareechanii akka diimatu bakka aarri qaqqabutti fannisanii sana booda gobbee itti kaahuun, fannoo godhaniifi itti fayyadamu.
  6. · Kursii qura’aana imuka irraa kan hojjetamu ta’ee qura’aana irra keewwatanii qara’uuf tajaajila.
  7. · Qootii – muka qalloo irraa kan hojjetamu ta’ee, yeroo kaadhiimaaf deeman kan qabatamuu fi yeroo mara girgidda manaa irratti irkifamee seeraan kan taa’u dha.
  8. · Filaa mukarraa hojjetamu dha.
  9. · Fal’aana mukarraa hojjetamu dha.

Sibiilaa irraa kan hojjetaman

  1. ·  Cilfaa . Idiftee
  2. · Sahaanii . Mutaa
  3. · Fal’aana . Gilee ( gojaba)
  4. · Ibriiqii . Seenxii

Qoodaa irraa kan hojjetaman

  1. · Okolee ( kan annaan itti elmaan)
  2. · Qarbate qodaa re’ee irraa kan hojjetamu ta’ee, yeroo jaarikaanii fi gaawwan shaaklaa hin jirre san bishaan lagaa itti waraabuuf oola.
  3. · Saaphana:- qodaa irraa kan hojjetamu ta’ee faaya girgiddaa fi ijoollee itti baatuuf oola.

Qooda irraa Buqqee irraa fi citaa/sutaa irraa kan hojjetaman

  1. · Mosaabii warqi -- hodhaa irraa kan tolchamu Yeroo ciidhaa kan dhiyaatuu fi miidhagina manaaf kan oolu.
  2. · Mudaayii – hodhaan kan tolchamu yoo ta’u ykn faayaalee miidhagiina dubartoonnii keessa kaawwatan.
  3. · Woskon baayii – faaya girgiidaaf tajaajila.
  4. · Okolee buqqee irraa fannoo isaa qodaa irraa tolchuun aannan itti elmuuf oola.
  5. · Agalgilii:- Citaa fayyadamuun erga hodhamee booda qarqara qarqaara afaan irraa irraa fi hudduu isaa jala qodaan hodhuun nyaata yeroo qonnaa bobba’an, yeroo karaa deeman itti baachuuf oola.

2. Faayaalee Uffannaa fi miidhaginaa/bareedinaa

Hawaasni aanicha faayaalee uffannaa bareedinaa haalaan qalbii nama butu qabu. Keessaayyuu aanicha keessa saboota lamaa fi olii kan jiraatan yoo ta’u, faaya bareedinaa fi uffannaa adda addaa haala salphaan ilaaluuf nama dandeessisa, keessaayyuu guyyaa gabaa gurguddoo aanicha keessatti argaman caffaa roobiit, Arxummaa Qiciicoo, Fursee fi Bakkejjaa yoo dhaqxan saboonni amaaraa, Oromoo fi affaar shamarran , dargoggoonnii fi beektoonni dhiiraa, Dubatoonni heerumaan, Beektoonni Dubartootaa hundu yoo ilaalle sirnoota uffaannaa fi faayaalee miidhagiinaa baay’ee daawwachuun ni danda’ama. Kunis bareedina hawaasichaa sirna faayaalee miidhaginaa fi uffaannaa isaanii yoo illaallu waa’ee hubannoo bareedinaa akka isaan qaban sammuu keenya keessatti dinqisiifachuun qalbii nama buta.

Hawaasni aanichaa uffannaa aadaa fi bu’aalee hojii ogummaa harkaan hojjetaman(shammaneen hojjetaman) akkasumas faayaalee bareedinaa ofii isaanii hojjechuun bal’inaan fayyadamuu irratti muuxannoo gaarii ta’e qabu. Hawaasichi ofii isaanii oomishee waan itti fayyadamuuf ijoollee irraa hanga beekaatti faayaalee miidhagiinaa fi uffaannaa aadaa yeroo baay’ee akka fayyadamu beekamaa dha.

Faayaalee uffannaa Aadaa Baayinaan beekaman

Aanaa Arxummaa fursii keessatti faayaalee uffannaa baay’inaan beekaman Wandabbee, Garoo, Shaalii, Diigee/ sabbata/, harri, Asaa barandaa, Caffee/jaanoo fi k.k.f yoo ta’an. Isaan kanas faayidaa isaanii fi eenyuun akka uffataman addaan baasuun akka armanaan gadiitti dhiyaateera

Faayaalee Uffannaa Dhiiraa /Dargaggoot

1. Garoo:- Uffaannaa dhiirootaa mudhii oli uffatan yoo ta’u, innis jirbii irraa shammaneedhaan hojjetama.

2. Shaalii :- Qalama adda addaan suufii irraa kan hojjetamu yoo ta’u, firaashiidhaaf, sireedhaaf akkasumas baay’inaan dargaggoonni yeroo mara uffatanii kan deeman yoo ta’u, keessumummaa yeroo deemanis akka uffata halkaniittiss itti fayydamu. Ta’us uffannaan kun umrii hin daaangessu.

3. Diigee /Sabbata:- Diigeen jirbii irraa kan hojjetamu yoo ta’u dheerinni isaas meetira 2-3.5 yoo ta’u, Namoonni ciccimoo ta’an mudhii isaanii dalgoo uffatan irratti hidhatun akka hirmaattis ni fayyada. Mudhii namaas ni jajjabeessa.

4. Dalgoo dhiiraa /Asabaranda/:- Faabriikaadhaan kan Oomishamu yoo ta’u uffata hawaasni yeroo baa’ee uffatuun beekamudha.

5. Masnafii:- Uffannaa aadaa beekamaa jirbii irraa hojjetamu yoo ta’u, uffata dhiiroonni yeroo ayyaanaa, gabaa, qophiilee adda addaa faayaaf uffatamu dha. Kunis kennanis namootaaf ni kennama.

Faayaalee Uffannaa Dubartootaa /Shamarranii/

1. Harrii:- Baay’inaan shamarran erga kaadhimamanii booda kan mudhii isaanii gadi akka dalgoo shamarraniitti Uffatan yoo ta’u, kanneen heerumanis darbee darbee ni uffatu. Innis 100% harri irraa hojjetama.

2. Wandabbee:- Uffata mudhii oli uffatamu yoo ta’u, innis shammaneen jirbii irraa hojjetama.

3. Uffata guutuu(ጥልፍ ቀሚስ):- Dizzaayinii adda addaan buquu irraa hanga miilaatti dubartoonni kan uffataniidha.

4. Caffee /Janoo/:- Jirbii irraa shammaneedhaan kan hojjetamu yoo ta’u፣ kunis akka dalgoo dubartootatti tajaajila.

5. Sabbata/ Diigee/:- Dubartoonni erga heerumanii booda kan mudhii isaanii itti hidhataniidha. Dheerinni isaas meetira 1-1.5 ta’a. Fiixa lamaaniinuu kuula bareedinaan hojjetama.

3. Uffannaa Amantaalee.

1. Aanaa Arxummaa fursee keessatti hordoftootni amantaa Muslimaa dhiiroonni uffannaalee jallabiyyaa, Marata, Koofiyyaa kan ufffatan yoo ta’u, dubartoonni immoo Niqaabii, jilbaabaa, hijaabaa fi k.kf uffatu.

2. Hordoftoonni amantaa kiristaanaa immoo hawaasichi kooppoortii dhiiraa, Akliil, Qamisii, Koofiyyaa Uffaannaalee ogummaa shammanee dubartootaa fi k.k.f uffannaalee amantaa kiristaanaati.

4. Faayaalee Bareedinaa /Miidhaginaa/

Aanaa arxummaa fursii keessatti faayaalee bareedinaa baay’inaan beekaman fasasee, lootii, birrabisii, gohaa, torbii, gumee, tamuunu, alboo, hiintee, toobii baaradii, gilee filaa fi .k.k.f yoo ta’an isaan kanas faayidaa isaanii fi eenyuun akka fayyadaman haala armaan gadiitiin ibsamanii jiru.

Faayaalee bareedina Dhiiraa( Dargaggootaa)

1. Baarudii:- Irsaasiiwwan xiyyyyiiti kirrii irratti diruun, faaya dhiiroonni buquu ykn morma isaanii irratti hidhatan yoo ta’u, bifa adda addaa waan qabuuf baredina qaba.

2. Gilee:- Sibila irraa kan hojjetamu ta’ee akka gojobaatti mudhii irratti uffannaa aadaa wajjin hidhachuuf oola.

3. jaabii:- Kirriwwan qalama adda addaa (diimaa fi keelloo) qaban marfee qulfii irratti diruun kan hojjetamu yoo ta’u, faaya dhiiroonni laphee isaanii irratti hidhachuuf oolu dha. Kunis baay’inaan shamarran yeroo heeruman gaafa guyyaa cidha isaanii addaan bahuuf dhiirootaaf kennu

Faayaalee Bareedina Dubartootaa (Shamarranii):

1. Faaya rifeensaa /Fasasee/ :- nahaasii irraa kan hojjetamu yoo ta’u፣ shamarran bara 14 booda bareedina rifeensa mataaf kan itti fayyadamani dha.

2. Faaya Gurraa (lootii):- Maqaan isaa cilcillee yoo ta’u, faaya gurra irratti kan diramu cilcillee ykn jahee jedhamee beekama. Kunis shamarraniif qaadhimaatu bitaaf. Nahaasii irraa hojjetamuu danda’a. Shamarreen takka osoo hin kaadhimamin dura cilcillee firee sadii qofa qabu fayyadamti. Yeroo kaadhimamte immoo cilcillee firee 6 ( jahaa) qabu fayyadamti.

3. Faaya Mormaa ( Birrabisii):- Kunis saantima maariyaa tireezaa irraa kan hojjetamu yoo ta’u, shamarran osoo hin kadhimamin dura firee 1 (tokko) mormatti hidhatu. Yeroo kaadhimamuu gahan immoo firee 2 (lama) fayyadamu. Akkuma kaadhimamaniin garuu saantima kana firee 3 isaa hidhatu.

4. Gohaa:- Dubartoonni kamiyyuu kan fayyadaman yoo ta’u, dubartoonni gohaatti fayyadaman maatiin ishee jagna yoo ta’an ykn abbaan mana ishee jagna yoo ta’e biteefii itti fayyadamiti. Dubartoonni gohaatti fayyadaman maatiin ishee jagna ta’uu isani ibsa. Faayoonni gohaa irratti dirmana horaa bulaa, dagaagaaa, ulfaadhaa yaada jedhu ibsa. Nahaasii irraa hojjetama.

5. Torbii (hirma adii):- Torbiin faaya adda addaa 7 ofirraa qaba. Kunis kan beekamu dubartoonni torbii mudhii isaanii irratti hidhatan kaadhimaa qabaachuu isaanii ibsa. Erga heerumtee booda garuu torbiitti hin fayyadamtu, sababiin isaas dubartoonni heeruman mudhii isaanii irratti sabbata /diigee/ waan hidhataniifi. Faayi kunis kaadhimaan bitama.

6. Gumee Harkaa:- faaya shamarran harka isaanii irratti kaadhimaa qabaachuu isaanii ibsuuf fayyadamani. Innnis Kan bitamu kaadhimaani.

7. Tamuunii:- Faaya mormaa nahaasii irraa hojjetamu yoo ta’u, fuula tokkoon fakkii namaa fuula kaaniin immoo fakkii leencaa kan qabu dha. Kunis fiixa tokko irratti uramee kirriidhaan mormatti dirama.

8. Alboo:- Faaya miilaa yoo ta’u, dubartoota heeruman qofaatu fayyadama. Sibiiloota xixiqqoo uraa qaban Kukkutuudhaan kirrii irratti diramee faaya miila irratti diruun dubartootni heeruman fayyadamani dha.. Kunis ogeessoota Naannawa aanichaatti argamanin hojjetama.

9. Faaya adda /Hiintee/ :- Qalama bifa adda addaan pilaastikii irraa kan hojjetamu yoo ta’u xixxiiqqeessanii kukkutanii kirriitti diruudhaan faaya shamarran adda isaanii irratti hidhatani dha.

 
free pokerfree poker

Fakkiiwwan Tarree

LOADING
Photo Title 1Photo Title 2Photo Title 3Photo Title 4Photo Title 5
JT-SlideShow-Footer

Waa'ee Fuula Keenyaa

About Our delivery
 

Artumafursi Copyright© 2009 All Rights Reserved.

Designed by Artumafursi Woreda ICT Core Process