Ragaa waliigalaa Aanaa Arxummaa Fursee Aanaan Arxummaa Fursee Naannoo Amaraa Godina oromoo keesaaa Aanaa ishee ttokko yoo taatu, finfinnee irraa km 300 gara kallattii kaabatti, Naannoo Amaaraa magaalaa Bahardaar irraa km 580 gara kallattii baha biyyattiitti, Magaalaa godinichaa kamisee irraa km 25 gara kallattii kibbaa irratti fagaattee argamti. Aanaan Arxummaa fursii kaabaan Aanaa Dawaa caffaan, kibbaan Aanaa aanaa jille dhummuugaan, Bahaan Naannoo Affaar aanaa wadaraageen, akkasumas Lixaan immoo Aanaa antsokkiya gamzaan daangeffamtee argamti. Aanchi gandoota baadiyyaa 24 fi ganda magaalaa 3’n kan hundeeffamtedha. Bal’inni qodaa lafa ishee heektara 108181 yoo ta’u, Saboonni aanciha keessa jiraatan Afaan oromoo kan dubbatan 98% yoo ta’an 2% immoo Afaan Amaaraa kan dubbatani dha. Amantaadhaan yoo ilaallu 97% hordoftoota amantaa muslimaa yoo ta’an 3% immoo hordoftoota amantaa kiristaanaati. Baay’inni uummata aanicha keessa jiraatan dhiira 48617 dhalaa 50134 iada’ama 98751 gandoota baadiyyaa keessa kan jiraatan yoo ta’u, dhiirri 5587 dhalaa 5343 ida’ama 10930 ganda magaalaa keessa jiraatu, waliigala uummatni 109681 aanicha keessa jiraatu. Jiraattoota waliigalaa keessaa saalaan yammuu ilaallu 49.4% dhiiroota yoo ta’an, 50.6% immoo baay’ina jiraattoota saala dhalaa yoo ta’an, humni oomishaa 49442 ta’an umriin isaanii 15-40 ta’u. Magaalaan aanichaa Caffaa roobit jedhamuun beekamti.
Haala Teessuma lafa Aanichaa Bal’inni qodaa lafa aanichaa heektara 108181 yoo ta’u, haalli teessoo lafa ishee lafa diriiraan 38%, lafa sululaa 28.5%, lafti caffaa’aan 4.4%, lafti bu’aa bayii 22.5% akkasumas lafti lafti balee 6.6% dha. Haalli qilleensa uumamaa ishee 76% gammoojjii fi 24% badda daree dha. Hangi hoo’a aancihaa gandi aanaan 150c yoo ta’u 350c olaanaa dha. Fageenyi olka’iinsa galaana irraa gadi aanaan meetira 1200 yoo ta’u olaanaan meetira 2000 ta’a. hangi rooba bara keessatti roobu mili liitira 600 hanga 900 ta’a.
Haala Diinagdee Aanichaa Haalli jireenya uummata aancihaa yoo ilaallu, 89% qotee bulaadhaan yoo jiraatan, 11% immoo daldaltootaa fi hojjettoota mootummaa irratti bobba’uudhaan jiraatu. Oomishaalee baay’inaan oomishaman boqqoolloo, xaafii, mishingaa/maashillaa/ fi k.k.f, yoo ta’u, giddu galli leenjii qotee bultootaa (FTC) 18 yoo ta’an, giddu galli ykn buufatni eegumsa fayyaa bineeldootaa 6 dha. Horiiwwan gaafa baay’inni akka raga 2008 ibsutti 65238, akksumas horiiwwan horiiwwan gaammaa 6720 ta’an aanciha keessatti argamu. Bal’inni qodaa aancihaa heektara 108181 yoo, bosonaa fi biqiloota dhaabbataniin kan uwwifame heektara 59333, lafa caffeen ykn bishaaniin kan uwwifame heektara 3793, lafa qonnaatiin kan uwwifame heektara 11923, lafa dheedichaaf ooe heekatara 10153, lafti duwwaan heektara 14444, laftii Investimentiif kan oole heekatara 40 dha. Gosoota biyyoo lafa aanichaa yoo ilaallu, Buleen 15%, diimaan 7%, Shaklaan 76% yoo ta’u 2% gosa biyyoo birooti. Galma gahiinsa daandii baadiyyaa aancihaa yoo ilaallu, gandoota baadiyyaa 24 aanciha keessatti argaman keessaa gandootni 19 tajaajilli geejjibaa kan argatan yoo ta’u gandootni 5 immoo fuula duraaf ijaaruuf karooraan qabamanii jiru. Haguuggiin waliigalaa tajaajila daandii baadiyyaa 80% irratti argama.
Haalawwan Hawaasummaa Aancihaa Dhaabbattoota manneen barnootaa ilaachisee manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa Marsaa 1ffaa (1-4) 6, manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa Marsaa 2ffaa (5-8) 43, Manneen brnootaa Sadarkaa 2ffaa Marsaa 1ffaa (9-10) 03 yoo ta’an manneen barnoota sadarkaa 2ffaa qophaa’inaa 1 aancihi qaba. Haguuggiin barnoota aancihaa yoo ilaallu, sadarkaa 1ffaa (1-8) 96%, Sadarkaa 2ffaa (9-10) 58.96%, Sadarkaa 2ffaa qophaa’inaa (11-12) 4.88 irratti argama. Gama galma gahiinsa eegumsa fayyaatiin yoo ilaallu Buufatni fayyaa sadarkaa isaa eeggate 6, Keellaan fayyaa 22, Faarmaasii 3 aanciha keessatti argamu. Galma gahiinsa uwwisa eegumsa fayyaa aancihaa yoo ilaallu Buufataalee fayyatiin 100% yoo ta’u, gama keellaa fayyaatiin immo uwwisni isaa 92% dha. |
Artumafursi Copyright© 2009 All Rights Reserved.
Designed by Artumafursi Woreda ICT Core Process